King of Borana (Oromo) music, Artist Abdullah Jirma Kinato may his soul rest in eternal peace!

 King of Borana (Oromo) music, Artist Abdullah Jirma Kinato may his soul rest in eternal peace!


Abdullaah Jirmaa, hangafa sirbitoota Oromooti. Abdullaah Jirmaa weellisaa beekkamaa fi jaalatamaadha. Abdullaah Jirmaa aartii muuziqaatiin akkuma Abubakar Muusaa, Abdii Qophee, Dr.Alii Birraa...... fi k.k.f. namoota guddinnaa fi dagaaginna Afaanii fi Aadaa Oromoof shoora olaanaa gumaachan hedduu keessaa nama adda durummaan maqaan isaa kaafamuudha. Abdullaah Jirmaa kan dhalate, Oromoo Booranaa irraa yo ta'u, Abdullaah Jirmaa nama quuqama sabaa qabuuf sabboonaa cimaa ture. Abdullaah, dhalootaan Oromoo Keeniyaa tahullee gaaraa fi lagaan fagaatus eennummaa isaa adoo hin dagatini Oromummaa isaatiin boonee miidhaa fi rakkoo Oromoof bakka jiruu, nama quuqama guddaa garsiisaa tureedha. Akkuma "Gaarrii garaa muru" jedhan, Artist Abdullaah Jirmaalleen fageennaa fi daangaan Xoophiyaa fi Keeniyaa jidduu jiru quuqamaa fi aantummaa saba isaa isa hin dhowwinee, bakka jirutti ufi ta'ee eennummaa isaatiin boonee ittiin dhaadachaa nama tureedha. Mammaassii Oromoo ka "Lagni lafaaf malee, lafeef daangaaniti" jedhu Abdullaah Jirmaa biratti akka faarfamu himama. Hojiilee boonsaa artist Abdullaah Jirmaa kana namoonni isatti dhiyeennaan beekan kan akka Hayyuu Oromoo Dr. Gammachuu Magarsaa faatii ragaa bahu. Kana malees hojii guddaa Abdullaah Jirmaa bara jireenna isaatti gama tokkummaa Oromoo cimsuutiin hojjate, weellisaa Qamar Yuusuf sirbaan lafa kaa'eera. Akkasumas weellisaa Dhibaa Guyyoo Halakeelleen hojiilee boonsaa weellisaa Abdullaah Jirmaatiin hojjataman sirban cokhee lafa kaa'eera. Artist Abdullaah Jirmaa sirba Booranaa ka lakkawamee hin dhumneef ka dhageeffatamee hin quufamne sagalee isaa kiillolee suniin hedduu sirbee jira. Isaan keessaa muraasii kan armaan gadiiti;


CD I 

☑️Aabboofi aayyoo na caqasaa

☑️Addunyaa Sossobduu

☑️Sodaa dubbii biyyaa

☑️Deemmaa Daawwadhe

☑️Diqqoo Midhaadduu

☑️Finna hamaa ha dinnuu

☑️Ijoollee Gurrummeessaa

☑️Intala Gurraattii

☑️Jaalala qalbii tiyyaa

☑️Jaalaltii ajaba

☑️Jaalaltii taphaaniti


CD II

☑️ Jaalaltii waan Rabbii

☑️Kootti dafii kootti

☑️Lakkii wal hin dhabnuu

☑️Leeyla leeyla

☑️Milluu isii

☑️Mooyyale gubbaatti arge

☑️Nadheen hardhaa

☑️Qilleensaatti narra yaa'a

☑️Kophaa tiyyatti hafe


CD III

☑️Qoortii fayyaa

☑️Saffariin Salaama

☑️Seeruma nama hinjirree

☑️Shaarraan Simuu dhoofte

☑️Siyaadaa bula

☑️

☑️

☑️

☑️

☑️

☑️


CD IV

☑️Qalbii na fuuta

☑️Diimtuu warra madheeraa

☑️Hamii na dandami

☑️

☑️

☑️

☑️


CD V

☑️Shaarraa Garba-tulaa

☑️Cirreettii Qalbii Tiyyaa

☑️Yaada kankeetti na dhiba

☑️Onnee Jaalalaa

☑️

☑️

☑️


Hojiin atin hojjatte yo cufaa inuma jirti!


Obboleettiin isaa, Gaazexeessituu Qabballee Jirmaa waan obboleessa isii maan jetti? Kunooti!

Comments

Post a Comment